Manni Maree Miidiyaa Itoophiyaa (EMC) dhaabbata walaba, ofiin of bulchu fi Itoophiyaa keessatti hojii miidiyaa naamusa, ogummaa fi itti gaafatamummaa qabu babal'isuuf hundeeffamedha. Manni Marichaa dhaabbilee miidiyaa, gaazexeessitoota, maxxansitoota, tamsaastota, miidiyaa hawaasaa, miidiyaa onlaayinii, fi waldaalee ogummaa biyyattii keessa socho'an hedduu ni bakka bu'a.
Manni Maree Miidiyaa Itoophiyaa (EMC) itti gaafatamummaa, ogummaa fi qajeeltoowwan naamusaa mirkaneessuudhaan bilisummaa miidiyaa cimsuuf hojjeta. Manni Marichaa amantaa horachuu, marii jajjabeessuu fi komiiwwan qabiyyee miidiyaa wajjin walqabatan karaa sirna haqaa alaa fi iftoomina qabuun hiikuudhaan miidiyaa fi uummata gidduutti akka riqichaatti tajaajila.
Akka waltajjii ofiin of bulchuu miidiyaatti, Manni Maree Miidiyaa Itoophiyaa, Heera Mootummaa Rippaabiliika Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa wajjin haala walsimuun mirga yaada ofii ibsachuu ni deeggara; akkasumas dhaabbileen miidiyaa fi ogeeyyiin itti gaafatamummaa fi bu'aa uummataatiif akka hojjetan ni jajjabeessa.